Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Godaantota Afrikaa fi Hawaasaalee Godaantota Keessummeessaniif Gargaarsa Gumaachite


Baqatoota Suudan Itoophiyaa gahan IOM tti galmaahuf dabaree eeggatan, Matammaa, Caamsaa 4, 2023.
Baqatoota Suudan Itoophiyaa gahan IOM tti galmaahuf dabaree eeggatan, Matammaa, Caamsaa 4, 2023.

Yunaayitid Isteetis goodaantotaa biyya Afrikaa keessa jiranuu fi biyyoottan, akkasumas hawaasaalee goodaantota kana keessuumeesaa jiraanuuf kan oolu gargaarsaa Doolaara Miiliyoonii 500 fi miiliyoonii 36 taasisuun ishee ibsame. Gargaarsa kana keesaa doolaarii miiliyoonii 97 gargaarsa namoomaa Itiyoophiyaa keessatti taasifamuuf kan oolu akka ta’e beekameeraa.

Minsiteeraa dhimmaa alaa mootumaa Yunaatyitid Isteetsti itti aantuu ministiraa fi dhimmaa nageenyaa siviilotaa, Dimokraasii fi mirgaa namoomaa irratti itti gaafatamtuu kan ta’an Uuziraa Zeeyaa kamisaa har’aa Hagayyaa 2 bara 2016 Embaasii mootummaa US Finifineetti argamu keessatti ibsaa kennaniin gargaarsii kun taasifamuu isaa beeksisdaniiru.

Sirnaa kana irraati ministeerii dhimma alaa mootummaa Ityoophiyaa Taaye AtsqeSilaasee fi ministeerii haqaa Dr. Geediyoon Ximotiyoos , akkasumas bakka buutonni dhaabilee mitti mootumaa kan aregaman yemmuu ta’u, marii taasifame irrattis waa’een mirga namoomaa fi wa’een haqa ce’uumsaa ka’uun isaa beekameera.

Walitti bu’insii naanoo Amaaraa fi Oromiyaa keessa jiru akka ishee yaadesu, waldhabdeen jiru akka marii nageenyaatiin hikamu US yaalii ishee akka itti fuftu haangaatuun mootummaa US ibsuu isaanii Kenedii Abaatee finfinne irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG