Xurree ittiin seenan

Breaking News

Zimbaabuwwee Keessatti Daa’imman 251 Mana Amantaa Keessatti Hojii Humnaa Olii Hojjichifamaa Turan Poolisiidhan Bararamaan


Poolisiin Roobii darbe nama raajii ofiin jedhee fi ijoollee hojjachiisaa ture to.annaa jala oolchuu beeksise, Bitootessa 13, 2024.
Poolisiin Roobii darbe nama raajii ofiin jedhee fi ijoollee hojjachiisaa ture to.annaa jala oolchuu beeksise, Bitootessa 13, 2024.

Dubbii Himaan Poolisii Zimbaabuwee Paawuul Nyatii Roobii kaleessaa akka beeksiseetti namni umriin isaa 56 ta’e maqaa Raajii Ismaa’eel Chokurongerwaan jechuun of waamuu fi magaalaa Harareerraa gara Kaaba lixaatti fageenya Kiloometira 34 irratti kan argamutti bakka qulqulluu amantoonni jiraatan qopheesseera jechuun daa’imman 250 ol gatii salphaa fi hojii humnaa olii hojjechiisaa akka jiruu fi sakata’insa mooraa sana keessatti taasifameenis Awwaalchoonni hin galmoofne 16 akka argamanii ibsanii to’annaa jala oolchuus himaniiru.

Miseensonni amantoota ta’an 1000 nama Raajii Ismaa’eel Chokurongerwaaniin akka hoogganamnai kan ibse Pooliisiin Zimbaabuwwee daa’imman 251 mooraa kana keessaa hojjetaa turan baraaraman keessaa kanneen 246 ta’an raga dhalootaas hin qaban jedhee manneen barnootaallee deemaa hin turres jedheera.

Poolisiin Zimbaabuwwee bakka mana amantaa qulqulluu jedhame nama ani Raajii Ismaa’eel jechuun of waamuun hoogganamu sakkata’uu himee qorannoowwan biros gaggeessaa akka jirus himeera. Dubartoonni hordoftoota ykn amantoota ta’an kanneen mooraa kana keessatti argaman kanneen uffata Adii uufatanii

rifeensa isaanii uuffata ykn shaashiin haguugan wayita poolisiin Ijoollee mooraa keessaa fuudhee Awutoobisiitti fe’u Ijoollee keenya nuuf deebisaa jechuun gaafachaa turan.

Amantoonni mooricha akka lafa kakuu isaaniitti yommuu amanan, Amantoota keessaa namni Gaazexaa biyya sanaaf deebii kenne tokko akka jedhettimmoo “ Amantiin keenya Macaafa qulqulluurraa hin fudhatamane, Waaqni kallattiimaan seera nuuf kenneen kallattii ittiin gara Jannataa seennu nuuf kaa’eera.Manneen barnootaa keessatti barnoonni barataman faallaa waaqa keenyaa waan ta’aniif ijoolleen manneen barnootaa deemuu akka hin qabne waaqni keenya dhorkeera.Yoo Ijoollee keenya gara manneen barnootaatti ergines waaqani rooba akka hin roobsifnne nutti himeera.Goginsa ala kana jiru ilaalaa, nuti garuu rooba argachaa jirra. Kennaa hafuura qulqulluu waan qabnuufis gurra keenyaan waaqarraa dhageennyas jedheera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG