Yoo Dhumnes Asumatti Eegaa Jirra

  • Jaallannee Gammadaa
Magaalaa Finfinnee aanaa Laaftoo ganda 01 keessatti manneen ijaaraman keessaa kuma torba kan ta’an mootummaan diiguu isaa jiraattonni naannoo sanaa ibsanii jiru.Walumaa gala namonni kuma 35 ta’an manni irratti diigamee dahannaa yeroof tolfatan keessa jiran.

Waggootii kudhanii fi sanaa oliif iddoo kana keessa jiraanne kan jedhan jiraatonni, mootummaa biraa tajaajiila adda addaa argataa turre, baasii adda addaa kan hanga qarshii miliyoona tokkooo fi walakkaa ta’u kennu keenyaaf ragaa qabna jedhu.

Yeroo manneen kun diigamanis beeksisa tokko malee akka ta’e, humnootiin hidhatanis namoota reebuu isaanii akkasumas kanneen hidhaman akka jiran ibsamee jira.

Dhimma kana kan ilaaleen aangawaan deebii akka kennan gaafataman isinii dubbisuuf yeroo hin qabu jechuu dhaan odu gabaasaa raadiyoo sagalee Amerikaa Mallaskaachoo Ammahaaf deebisanii jiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii deebii dhaggeeffadhaa