Televiziyoonni Itiyoopiyaa ajaja abbaa Murtii irra ce’e!

  • VOA
Televiziyoonni Itiyoopiyaa kaleessa jechuunis Guraandhala shan mata duree Jihadawi Arekat jedhuun dhiyaatee kan ture qophiin seena galmeessaa namoota shorokeessummaan himatamanii hoogganoota hawaasa musliimaa fi gaazexeessota kanneen bakka bu’an abukaatoleen fiilmiin kun uummataaf akka hin dhiyaanne dursanii mana murtii federaalaaf iyyachuu isaanii VOAn kaleessa gabaasee ture.

Abukaatoo keessaa tokko kan ta’an obbo Tamaam Abbaa Bulguu oolmaa mana murtichaa kan har’aa ilaalchisuun VOAf akka ibsanitti manni murtichaa dhimma isaa quba qabaachuu isaa fi ajaji sun maaliif akka hin kabajamne angawaan TV Ethiopia bakka bu’u dhiyaatee haala isaa akka ibsu Guraandhala tokko gaafa jimaataa dhiyaatee akka ibsu beellama kennee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuu dhaggeeffahdaa