MEDREK OF HAARESSE

  • Namoo Daandii
Addi paartiilee mormitootaa ja’a of keessaa qabu - Waltajjiin Tokkummaa Federaalaa Dimookitaatawa Itiyoophiyaa -- Ka yeroo ammaaf barbaachisuu fi hegeree biyyattiif furmaata waaraa akeeku - ittiin jedhe, Maanifeestoo yokaan ibsa baasee jira. Kora-sabaa toorbaffaa Sanbata dabre geggeesse ennaa xumuru ibsa kana baase - Medrek. Paartiilee miseensota Medrek keessaa tokko ka ta’e - Koongiresa Federaalawa Oromoof dura-taa’aa ka ta’an - Dr. Mararaa Guddinaa akka jedhanitti, ibsi sun dhimmoota ijoo lama of keessaa qaba. Tokkoffaa, haala itti hoogganni fi seerri ittiin bulmaataa fooyyessametti ka fuuleffate yoo tahu lammaffaan immoo haala polotikaa, dinagdee, hawaasummaa, barnootaa fi fayyaa uummata Itiyoophiyaa yerpoo ammaa xiinxaluudhaan akkaataa kun itti fooyya’u daandii akeekuu dha.

Mootummaa ol’aantummaa paartii tokkichaan geggeessamuu fi uummata irratti irree fe’ee bulchaa jiru irraa gara sirna paartii hedduu hirmaachisuu fi dimookiraasummaa dhugaa babal’isu hundeessuutti fuuleffachuudhaan akkaataa itti of keessatti hojjennuu fi paartiilee toora kana irra jiran waliin hojjennu irratti marii bal’aa geggeessinee ibsa kana baasne, jedhu – Dr. Mararaan.

Ibsi isaanii kun uummata beeksisuu fi paartiilee mormitootaa ka biroof waamicha godhuu ta’e iyyuu, Mootummaanis akka keessa deebi’ee of ilaalu, dippiloomaatonni alaas akka haala dhugaa Itiyoophiyaa keessa jiru hubatanii akka yaada keenya simatan barbaadna, jedhu.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii di Deebii dhaggeeffadhaa