Akka maatiileen isaanii jedhanitti, afuran keessaa garii, waggoota 15 caalaa Hospitaala Naqamtee keessaa tajaajilan. Dr. Addaam Lammaa, oguma addaa baqaqsanii hodhuu yokaan Serjeriin n ka tajaajilanii fi Kilinika, “Kilinika Maayoo Ol’aanaa” jedhamu ka dhuunfaatti qaban. Dr. Isaayyaas Birhaanuu oguma addaa fayyaa gadameessaan kan Hospitaalicha keessaa tajaajilanii fi Kilinika “Yuuniversaal Kilinik” - jedhamu dhuunfaatti qaban, Dr. Belaay Beete-Maariyaam, oguma addaa fayyaa gadameessaan kan Hospitaala Naqamtee keessaa hojjetanii fi Kilinika dhuunfaa “ABDII CLINIC” - jedhamu keessaa kan hojjetan, Dr. Taammenee Abarraa, ka baatii ja’a dura Daarektara Medikaalaa Hospitaala Naqamtee turanii fi amma Yunivarsitii Finfinnee, Damee Xiqur Anbassaa keessaa Ispeeshaalistummaa yokaan oguma addaa barataa jiran ta’uu dubbatu, firoonni isaanii kun.
Akka maatiileen jedhanitti -- Dooktoroonni kun qabamanii hin hidhamuu isaanii dura -- xalayaa tu, Biiroo Fayyaa irraa mata mataatti isaan dhaqqabe.
Qabiyyeen xalayaa sanaas -- “Badii kana dura Hospitaala Naqamtee keessatti dalagafmaa ture keessatti ga’ee ol’aanaa waan qabaattee argamteef, baatiilee lamaaf mindaan kee rarraasamee, baatiilee lamaaf hojii irraas dhaabamtee jirta” - ka jedhu akka ta’e nuuf ibsan. Itti-fufees, Kilinika Kam iyyuu keessaa akka hin hojjenne kan ittisu, xalayaan ka biraan Giddu-gala Fayyaa Naqamtee irraa isaan dhaqqabuu dubbatu.
Dooktoroota afuranii ala dooktorri dhalata Kooriyaa, kan oguma addaan fayyummaa lafee tajaajilan, Dr. Ho Rim Jong, hojii irraa hariyatamuu illee nuuf ibsan.