Aartii Oromoo guddisuuf hundumtuu gumaachuu qaba

Fiilmii Afaan Oromoo Haaraa "Gumaa"

Fiilmiiwwan Oromoo haaraan yeroo yerootti ba'anis uummataaf dhiyaachuuf danqaan waan jiruuf hamma guddachuu male hin guddatin jira jedha barreessaan fiilmii "GUMAA"

Fiilmii Afaan Oromoo Haaraa "Gumaa"

Fiilmiin afaan Oromoo haaraan “Gumaa” jedhu dhiyeenya kana eebbifamuu dhaan magaalaalee Oromiyaa adda addaa irratti agarsiisamaa jira. Qopheessaa fi barreessaan Fiilmii kanaa dargaggoo Beenyaa Dhaabaa jedhama. Barnoota Afaan Oromoon Diploomaa kan qabu si’a ta’u university Jimmaa irraa immoo barnoota Seeraan eebbifameera.

Filmiin isaa magaalaalee Oromiyaa Naqamtee,Haramayaa fi Jimmaatti kan agarsiisame si’a ta’u guyyaa har’aa immoo Boranatti kan argamu University Bule Horaa keessatti agarsiisamuuf jira.

Fiilmii ofii qopheesse keessattis taatoo ta’uun hojjechuu dubbata dargaggoo Beenyaan. Bu’aa ba’ii fiilmii Afaan Oromoo qopheessanii uummataaf dhiyeessuun qabus nuuf ibseera.



Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi Deebii qopheessaa Fiilmii Gumaa waliin geggeessame dhaga'aa