Namni Du’aan Darbu Iyyuu Hojiin isaa Garuu Jiraataa Dha

  • Jaallannee Gammadaa

Sheik Moahmmed Rashid

Qur’ana gara Afaan Oromootti hiikuun akkasumas kitaaboota Qubee afaan Oromoo ittiin barsiisanii fi kanneen biroo adda addaa 29 barreessuun kan beekaman Sheik Muhammad Rashaad Abdullee Caamsaa 25 bara 2013 Dirree Dhawaa keessatti du’aan boqotanii jiru.

Umriin isaanii 88 ta’uu kan ibse ilmii isaanii Kaaliid Muhammad Rashaad waggootii dheeraaf biyya alaa keessa eega jiraatanii booda waggaa 5 dura gara biyyaatti deebii’uu isaanii ibsee jira.

Hogganaa amantii fi hayyuu kan ta’an sheek Muhammda Rashaad kitaaboota amantii qofa otoo hin taanee kan aadaa walaloolee fi kanneen biroo bareessuu isaanii namoota biroo irraa adda isaan taasiisa kan jedhe Gazexxeessaa Raadiyoo sagalee Amerikaa duraanii See’iid Mohammad Alii dhalonni har’aa kana irraa barnoota argatee hojjachuu qaba jedha.

Firaa fi maatii gadda keessa jiran Rabbi haa jajjabeessu jenna.

Your browser doesn’t support HTML5

Guutummaa gaaffii fi deebii armaan gaditti caqasaa