WASHINGTON,DC —
Maqaan dorgommii Mooskoo,Raashiyaatti dorgomuutti jiranii,Shaampiyoonaa Addunyaa,dorgommii atileetotii addunyaan hedduun irratti wal dorgommuutti jrian.
Eegii jalqabanii guyyaa abreessoo keessa jiran, dorgommii metirii 10,000 irratti Xirunesh Dibaabaatti daqiiqaa 30 sekondii 43 fi maaykiroo sekondii 35 moohate. Atileetiin Keenyaa Glagys Cherono, 30:45.17 lammeessoo,atileetiin Itoophiyaa Belaaynesh Oli Jiraa ammoo 30:46.98 galtee sadeessoo taate.
Xirunesh dorgommii addunyaa gugurdoo ta akkanaa tana waliin marroo shan moohadhee jettee, moohachaa tanallee guddoo gammadde.
Dorgommii metiri 10,000 ta dhiiraa keessaa ammoo Moh Ibraahim Biritshi dmoohate.Moohan Metirii 10,000 tana daqiiqaa 27,sekondii 21 fi maaykiroo 71tti fixate.
Namii itti aanee moohate atileetii Itoophiyaa Ibraahim Jeeylaniiti,sadeessoo ammoo atileetii Keenyaa Paul Tanuuti.Dorgommii tana ganna dabre keessaa Ibraahim Jeeylanitti moo’ate.
Dorgommii akkanaa tana Federeshiinii Waldaa Atileetiksi Addunyaa IAAF qopheessaa dorgommiin tun dorgommii ganna lama lamatti dorgomanii Olompikiitti aantee dorgommii addunyaa gugurdoo keessaa tokko.
Chaampiyoonaan Addunyaa jarii kun itti jiru guyyaa 10niif dorgoman ,Itoophiyaan atileetota 38 itti filatte.