Barnootii Afaan Orommoo Fulbaana 24, 2013 Koollejjii MN-tti Jalqaba

Afaan Oromoo ganna 20 wayiitin duratti Itoophiyaatti afaan hujii tahanii hujiijalqaban kaan amma koollejjii biyya alaalleetti barsiisuutti jiran.

MCTC, (Minneapolis Community and Technical College) Koolleejjii Ogummaa fi Teknikaa ka MN, Staul jirti, barattoota kuma hedduutti itti barata.Barnoota idilee ganamaa fi galgala malee afaan biyya kurnyaa barsiifti.

Afaan Ispaanish,Germany,Norwey Sweden, Chaayinaa,Xaliyaanaa dabalee walumattuua afaan 12 barsiifti.

Akka Viktoriyaa Luuling,daarekterii barnoota itti fufuunsa koollejjii tanaa jettutti afaan oromoo akka barnootaatti barsiisuun:

“Fedhii ummataa ta dabalaa deemtu guutuu,koollejjii ammoo afaan wal makaa qabaachuun carraa guddaa gaafii umamta deebiste taati.”

Warra akka afaan Oromoo biyya alaatti barsiifaman wa hojjachaa bahe keessaa tokkoo obboo Maatiyaas Guddinnaati,MN jiraata.

“Afaan Oromoo eennummaa jireenna keennaati, guddifnee dhaloota dhufutti ha dabarsinuu….Qaroomii hawaasa tokkooo..afaan isaatiin madaalamaa afaan kun yoo ittiin hojjanne dhaloota dhufutti darba.”

Barnootii afaan Oromoo kun Fulbaana 24,2013 jalqaba.Ji’aaf wayiin dubuatti jechuu.Akka obboo Maatiyaasitti afaan Oromoolleen barattoota koollejjiitif akka afaan alaatti baratamuuf koollejjiitti bariifamuun waan guddoo tokko.

“Galmeen afaan Orommoo tun haga ji’a tokkoo turrtii akka barattootii dhufanii galmaahanii gamamchuu teenna hujiitti akka jijiiramtee guddinnilleen itti fufiinsa akka dahqaa galmaahaa jedha.”

Warrii galmaahee barachuu fedhu galmeen tun haga Fulbaana 23 turtii achiin duubatti barnoota jalqaban.

Your browser doesn’t support HTML5

Mee tana ammoo caqasaa