Biyya Ormaa keessa jiraannuus Aadaan Ofii Dagatamuu Hin Qabu !
Jaallannee Gammadaa
WASHINGTON, DC —
Kan dhiyeenya kana kitaabaa fi siidii faaruu aadaa Oromoo irratti fulleeffate qopheessan Doktoor Kuwee Kumsaa keessumaa dubartootaa fi shamarran kan ilalaleen aadaan ture dagatamaa jira jedhu.
Kitaaba isaanii kan Songs of Exile jedhamu keessatti ijoolee Oromoo biyya Ormaa keessatti dhalatanii afaan warra ofii hin beekne waa’ee aadaa ofii hubannaa akka qabaatan gochuuf Afaan Ingliziin qopheesse jedhu Dr. Kuween.