Ameerikaan shorokeessummaatti duuluu kan itti fuftu ta’uu beeksiste

  • VOA
Tokkummaa mootummootaatti bakka bu’aan addaa Somalia Nick Kay al-shabab tattaaffii somalia keessatti nageenya buusuuf godhamu irratti yeroo ammaa balaa ta’aa argamu dhaqqabsiisaa jira.

Nick Kay odu gabaasaa VOA Moqadishoo keessaaf har’a ibsa kennaniingareen hidhata al-Qaida qabu kun Moqadishoo fi magaalaalee ijoo kanneen biroo keessaa erga ari’atamee as hagas cimaa miti. Garuu leellistoota kana kutaalee biyyattii ka biroo keessaa dhabamsiisuuf duula waraana itti dabalaatu barbaachisa.

Lammiiwwan Somalia kanneen Moqadishoo eegumsa, odeeffannoo basaaaa fi qindoomina wayyaawaa dhaan gargaaruu dandeenya. Garuu dhugumatti yoo al shababiin kutaawwan Moqadisho ala jiran keessaa baasne baasne malee sodaa jiru dhabamsiisuu hin dandeenyu jedhan.

Humni naga eegumsa gamtaa Afriikaa AMISOM jedhamu bara 2011 fi 2012 keessa magaalaalee ijoo al shabab qabatee ture keessaa ari’anii jiran. Haa ta’u malee michoota kan ta’an humnootiin Itiyoopiyaa akkuma somalia gad dhiisanii ba’u ueegalaniin humnootiin naga eegumsaa duula jiru itti fufuuf xiqqoo itti ulfaate.

Kay akka jedhanitti miseensonni gola naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa lakkoobsa loltoota itti dabaluuf jecha xumura baatii kanaa hojii AMISOM xiinaluuf jiru.

Gama biraatiin imoo humnootiin addaa US Libiyaa fi Somalia keessatti duula farra shororkeessummaa labsanii jiran.

Afrdii biyya isaanii irraa km kumaan laka’amu fagaatu irraa humnootiin waraana US sanbata darbe hshoorkeessota barbaadamaa turan lama qabanii jiran.

Meseenso al Qaida gameessi tokko magalaa galma mootummaa Libya Tripoli keessatti to’annaa jala ooluu isaa angawoonni US mirkaneessanii jiran. Humnootiin galanaa US immoo magaalaa somalia Barawe keessatti shororkeessota waliindhukaasa walitti bananii jiran.

Ministeerri dhimma alaa US John Kerry odola Indonesia Bali jirutti kan geggeessame gumii wal ta’iinsa biyyootii Asia Pacific irratti yaada kennaniin US shororkeessota barbaadaman murtii haqaatti dhiyeessuuf tattaaffii gootu itti fufte jedhan.