Atileeti Ganzabee Dibaabaa Dhiyoo Tana Marroo Sadii Fiigdee Addunyaa Mootee Ammallee M3000 Dorgomuuf Polanditti Dabarte

Atileetiksi:
Genzebeen dhiyoo tana qofa guyyaa guyyaa 15 keessatti marroo sadii dorgommii addunyaa moote.Duruu ammoo olompikii addunyaa sadii moo'uun beekamti,dorgommii addunyaa hedduullee akkanuma.Dorgommii dhiyoo tana irratti ammoo rekordii haaraa argatte.Amma ammoo miilota isii,atileeota Itoophiyaa 10 waliin biyya fulaa bu'anii dorgomuuf Sopot, Poolanditti dabarte.
Dorgommii Bitootessa 7,2014 jalqaban tana biyya hedduutti itti dorgoma.Jara Itoophiyaa fulaa bu’ee dorgommii IAAF,Polaanditti qopheessu tanaa yaahe keessaa Amaan Waxee, Mohaamad Aman, Hiywot Ayyaalewu fi Dejen Gebre Mesqel fa.Itoophiyaan dorgommii tana metirii 800-3000 irratti dorgomti.

Dorgommii Bitootessa 7-9,2014 dorgoman tana gosa ispoortii 26 atileetota 400 caalan biyya 160 keessaa dhufanii wal dorgoma.Ganzabeen metirii 3000 dorgomti.

Gama kaaniin ammoo atileetiin Itoophiyaa Bazuu Warquullee maratoonii Lake Biwa ta Jappaanitti qopheessan irratti atileetii Keenyaa, Vincent Kipruto caalee moo’e.

Maratooniin Lake Biwa jedhan tun dorgommoo IAAF,addunyaatti qopheessitu keessaa tokko. Dorgmmiin tana Jaapaanitti qopheessan tun tana waliin 69essoo.

Kubbaa Miilaa:
Konfidereshiiniin kubbaa miilaa Africaa, akka Keenyaan bara 2018tti dorgommii Chaampiyoonaa Afrikaa,CHAN qopheessitu irratti walii gale.Harambee Stars,kilabiin kubbaa miilaa Keenyaa waan biyyiti isii dorgomii qopheessituuf warra taphatu keessaa tokko taati, dorgommii malee filatamti.

Dorgommii waancaa kubbaa miilaa Addunyaa ji’uma sadiin duubatti Biraazilitti jalqaban.Austiraaliyaan yoo dorgommii tana jalqabuuf guyyaan lama hafu,Bafana Bafana Afrikaa Kibbaa waliin tapha hariyummaa taphatti.

Birazililleen,Bitootessa 5,2014 taphata hariyummaa Bafana Bafana waliin Johaanisbergitti tapahtti. Itti aanaan leenjsiaa kubbaa miilaa Biraazil ka ammaa Carlos Alberto Parreira bara 2010 Afirkaan Kibbaa waancaa addunyaa qopheesite.

Perzdanatiin kubbaa miilaa Afrikaa kibbaa Dr.Danny Jordaan “hariyaa teenna tun biyya teenna dhuftee taphahcuun biyya teennaaf gammachuu.”

Biraazil gaafa 2009,2012 keessa Afrikaa Kibbaa waliin hariyummaa taphatte lamaanuu 1-0 mote.Amma hoo?Canarinho,kilabiin kubbaa miilaa Biraazil fi Bafana Bafana Afrikaa Kibbaa kilaboota biyya jiranitti kubbaa miilaatiin beekaman.

NHL,dorgommii kubbaa miilaa Amerikaa harkaa fi miilalleen taphatan.Ganna 96n duratti jalqaban.Dorgommii amma itti jiran tana Onkololeessa 1,2013 jalqabanii haga Ebla, 13,2014 dhumatti. Marroo 80 taphatanii kilabii 30tti wal dorgoma.

Hardha Columbus blue jackets fi Toronto Maple Leafs fi garee Kandaa ta Montreal fi Canadiens, fi America Los Angeles Kings waliin taphata. kalee Philadelphia Flyers, Washington Caps 5-4 moote, bori ammoo Detroit Red Wings fi New Jersey Devils, iftaan ammoo Washington Caps fi Philadelphia Flyers waliin taphata.

Tapha kana kilabii 30 ta Amerikaa fi Canada dhufanitti waliin taphataa marroo 82 taphanii ji’a dhufu keessa dhumata. Godina gara garba paasifick jiru,ka gara Atlaanti k jiru,ka biyya Jidduu Jiruu fi Magaalota gugurdoo, Pacific,Central Atlantic fi Metropolitan jedhanii fulaa afuritti qoodanii taphaan namuu akkuma quftuma ufiitiin walti dhiyaatuun waliin taphata.

Akka amma jiru kanatti garee Amerikaa Columbus Brunsitti qabxii guddoon dura jira gareen Kanada Kanadinis jedhan ammoo lammeesso jira. Lighting ammoo garee Ameriaa Floridaatti isiitti sadeesso jira.