Kutaan kibba Sudaan Baantihuun Mormitoota mootummaan To'atamte

  • VOA
Angawoonni waraana bilisummaa uummata Sudan har’a akka jedhanitti humnootiin farra mootummaa magaalaa Unity state jedhamu Bantiu qabatanii jiru jechuu dhaan dubbi himaan SPLA colonel Philip Aguer al jazeeraaf mirkaneessaniiru.

Mootummaanis humnootiin kun tarii mootummaa Kaartuu m biraa deggersa argachuu mala jedhee jira. Ripxe loltoonni garuu himannaa sana haalanii jiran.

Humnootiin farra mootummaa Bentiu kaleessa qabachuu beeksisanis dubbi himaan mootummaa Michael makuei Lueth garuu lolli itti fufee jira. mootummaanis magaalattii deebisee to’achuuf jira jedhan.

Humnootiin farra mootummaa SPLA-TU lola torban darbe tuqate jechuun himatan.