Hiriira Mormii Amboo Keessaa Irratti Namoonni Ajjeesaman, Gamooleen Gubatan, Jedhu - Jiraattonni

  • Namoo Daandii
Kanneen bulchiisa naannoo Oromiyaa keessatti argaman manneen barnootaa sadarkaa ol’aanaa fi sadarkaa lammaa, walumaa-galatti 11 keessatti hiriirri mormii barattootaa akka babal’atee geggeessamaa jiru namoonni ijaan argan Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jira

Har’a Shawaa Dhihaa, magaalaa Amboo keessatti hiriira mormii geggeessame irratti yoo xiqqaate namoonni ja’a du’uu fi ka biroo hedduun madaa’uu Koongiresni Federaalistii Oromoo gabaasaa VOAf ibsee jira.

Lubbuu namootaa har’a Ambootti dhabamee ala biilsaaleen sadii gubachuu isaanii, namoonni ijaan argan, telefoonaan, Raadiyyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran.

Waa’ee hiriirawwan mormii Oromiyaa keessatti geggeessamaa jiruu fi walitti-bu’insoota itti fufanii uumaman ilaalchisee, mootummaa Bulchiisa Naannoo Oromiyaa fi Mootummaa Federaalaa irraa ibsi haga ammaatti kenname hin jiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Guutummaa gaaffii fi deebii kanaa dhaggeeffadhaa