Barattoota Reebuu fi Hidhuun Itti Fufe, Jedhu Jiraattonni Amboo fi Naqamtee

  • Namoo Daandii
Magaalaa Ambaoo fi Naqametee keessatti har’a eega barattoonni qormaata biyyoolessaa fudhatanii booda humnota poolisiin karaa irratti reebamuu fi qabamuu idubbatu jiraattonni magaalaalee Amboo fi Naqamtee.

Waajjiraalee mootummaa fi poolisiis dhaqqabuu yaallee jirra. Gama biraan Godinaa Qelem Wallaggaa aanaa Daallee Sadii keessatti waa’ee albuuda naannoo sana awwaalamee ture - jedhamuu irratti wal dhibdeen hawaasa naannoo fi humnoota mootummaa gidduu jiru har’a illee itti fufee jira - jedhu jiraattonni naannoo. Qaamni nageenyaas namoonni hagi tokko qabamuu nuuf ibsee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasaa Guutuu Armaa Gaditti Caqasaa