Baqatummaa fi Daafoo Isaa

  • VOA

Handaara galaana Tripoolii keessatti dhuma torban darbee bidruun humnaan ol nama feete garagaltee namnii hedduun dhumuun gabaafamee jira. Dhaabnii baqatootaa kan Tokkummaa Mootummotaa akka gabaaseetti Jimaata darbe Bidiruun yoo xiqqaate namoota 270 ta’an feete galaana keessatti garagaltee namoonni 19 balaa kana irraa lubbuun hafan.

Waardiyyaan handaara galaana Libiyaa eegu immoo reeffa nama 100 argatee jira. kanneen hafan bishaaniin nyaataman sodaa jedhuutu jira. Guyyuma sanbataa fi Dilbata kana bidiruun namni hedduminaan irratti fe’ame kan biraa lama achuuma galaana Libiyaa keessatti liqimsamuun gabaafamee jira.

Dhibba hedduun humnootii handaara galaana xaaliyaanii eegan fi humna galaana biyyattiin kan baraarfaman yoo ta’u Doniin daldaltotaa iddoo san turtees birmattee jirti. Dubbi himtuun UNHCR Melisaa Fleeming haalli nageenya iddoo sanaa hammaataa deemuu fi kunis namoota seeraan ala nama deddebisan lakkofsaan akka dabalan taasise jedhu.

Jaarmayaan godaantootaa kan addunyaa ykn IOM akka jedhutti uummata kuma 100 caalaatu waggaa kana galaana irraan xaaliyaanii dhaqqabe. kun isa bara darbee irraa dachaa sadii dabale. Biyyonni lameen uummanni hedduminaan keessaa baqatu Ertraa fi Siriyaa ta’un ibsamee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa Guutuu caqasaa