Diplomaatiin itiyoophiyaa Ituu Hin Himatamiin Amerkaa Gadhisanii Ba’an

  • VOA

Dubbi himtuu ministrii dhimma alaa Ameerikaa

Wiixata darbe lammiwwan Itiyoophiyaa kanneen iyyannaa dhiyeeffachuuf jecha waashington Dii sii keessa kan jiru mooraa Embaasii Itiyoophiyaa eega seenanii booda haala uumameen irratti qawwee harkaa ykn shuguxii kan dhukaase hojjataan kutaa nageenyaa fi eegumsaa kan Embaasii himata mootummaa yunaaytiid steetes biraa irratti dhiyaachuuf danda’uu dheessuun Amerikaa gadhisanii ba’uun isaa ibsamee jira.

Namnii dhukaasuu kana keessaa harka qabu jedhaman kun mirga akka hin himatamneef qaban kan Diploomaatii akka irraa kaafamuu fi sana booda akka himatman gaafatamee ture kan jedhan dubbi himtuun ministriin dantaa alaa yunaaytiid steetes Jeen Saakii Itiyoophiyaan garu gaaffii kan fudhatama dhabsiisuu ishee ibsan.

Diploomaatiin Itiyoophiyaa dhukaasuu keessaa akka harka qaban ni beekna jedhanii jiran.Raadiyoon sagalee Amerikaa dhimma kana adda baafachuuf jecha irra deddebi’ee gara Embaasii Itiyoophiyaatti kan bilbilee ta’uus hin milkoofne.

Kanneen hiriira mormii kana irratti hirmaatan akkasumas maddeen ka biroon akka jedhanti namnii dhukaase kun solomon waddii wayiin kan jedhaman hojjataa waa’ee nageenyaa fi eegumsaa ta’uu beeksiisanii Diploomaatichii gara Finfinneetti imaluu isaanii gabaasu.

waluumaa gala Diploomaatiin alaa yakkaan shakkamee qorannaan irratti gaggeessuuf jecha mirga akka hin himatamneef qabu biyyi isaa akka irraa kaaftuuf waajirri abbaa alangaatu karaa ministriin dantaa alaa gaafata.

Mootummaan biyya Diploomaatichaa mirga kana irraa hin kaasu taanaa Ministriin dantaa alaa Amerikaa Diploomaatichii Yunaaytiid steetes gadhisee akka ba’uuf gaafatama jedhu dubbi himtuun ministrii dantaa alaa Amerikaa Jeen Saaki.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa Guutuu caqasaa