Oromoonni kutaalee Ameerikaa gara garaatii dhufan waajjira Tokkummaa Mootummootaa, New York duratti hiriiran

  • VOA

Lammiiwwan Oromoo kutaalee United States adda addaa irra har'a kan New Yorkitti argamu waajjira Tokkummaa Mootummootaa fuulletti hiriira nagaa geggeessan.

Your browser doesn’t support HTML5

Hiriira Oromoonni New York waajjira Tokkummaa Mootummootaa duratti bahan

Hiriitonni kun dhiittaa mirga namaa biyyattii keessa jira jedhanii fi baatii Ebla darbee hidhamuu barattoota Universitiiwwan Oromiyaa keessaa irratti raawwatame balaaleffachuuf jecha.l

Hiriirtonni kun akka jedhanitti barattoonni hedduun hidhamanii kaan imoo hanga hidhaa waggoota shaniin adamaniiru. Kaan isaanii immoo amma iyyuu murtiitti utuu hin dhiyaatin hidhamanii jiru jedhu.

Master palaanii kutaalee addaa Oromiyaa Finfinnee jala galchuu ka jedhu mormuu dhaan ture barattonni sun kan hiriiran.

Hawaasi addunyaas miidhaa gara jabinaa mootummaan Itiyoopiyaa ajjeechaa lammiiwwan Oromoo irratti keessumaa barattoota irratti raawwatu akka dhaabu gaafanna jedhanii jiran.