Haasawa Muummicha Ministaraa Israa’el keessatti Dhimma Ijoo Wal-mormsiisa

  • Namoo Daandii

Muummicha minsteeraa Israael Beenjamiin Natanyaahuu

Waa’ee afeeramuu isaanii fi yeroo itti afeeraman ilaalchisee eega torbanneen hedduudhaaf wal-mormiin deemaa turee booda, Muummichi-ministaraa Israa’el Beenjaamin Netaanyaahuu Kibxata kaleessa Mana-maree Bakka-bu’ootaa Yunaayitid Isteets duratti haasawa godhanii jiran. Haasaan isanii, harka dha’insa fi ka’anii dhaabachuu deddeebi’ee mul’ateen simannaa argate.

Dimookiraatoita miseensota mana-maree keessaa hagi tokko garuu, kan Mr. Netaanyaahuun akka Manni-maree Yunaayitid Isteets yaada araaraa dhimma oomisha Niyuukilaraa Iraan fudhatama dhabsiisu gaafatan ilaachisee hedduu aaran. Prezidaant Obaamaanis, “Muummichi-ministaraa Israa’el sun, waa’ee dhimma oomisha Niyuukilaraa Iraan furuu irratti mala filatamaa ka biraa kennan hin qaban. Haasaa isaanii keessas waan haaraan hin jiru” jechuun qeeqanii jiran.

Haasaa hoogganaa Israa’el fi yaadawwan adda addaa irratti dhihaatan ilaalchisee Namoon Kolomniyaa Yuniversitii irraa xiinxalaa siyaasaa, Jawaan Mohaammed haasofsiisee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi deebii arman gaditti caqasaa