Tapha Arjentiinaa fi El Salvador waliin taphatan irratti goolii qaraa Ever Banega galche lammeessoo Firederico Mancuhello saatii hobbaate keessa buufatee Arjentiinaan 2-0 El Salvador moote.
Dorgommii kubbaa miilaa Arjentiinaa fi El Salvador istaadiyoomii FedEx Filed MD keessatti taphatan nama kuma 54 bahee daawwate.
Arjentiinaan dorgommii hariyummaaf taphatan tanaaf nama hedduu guurratee dhuftee, Carlos Tavez (Juventus), Orban Lucas (Valencia CF) Messi (Barcelona),Gonzalo Higuain (Napoli)Pablo Zabaleta, Sergio Aguero (Manchester City)Ezequiel Lavezzi(Paris Saint Germain)fi Javier Mascherano (Barcelona)fa fidatan.
Meesii gaafa Riil Maadriid waliin taphatu miila keessa dhiitanii taphachuu baatullee yoo kilabiin isaa 2-0 moote gamuma qummaadee tapha daawwata.
Gooliin qaraa daqiiqaa 54eesso irratit galtee ta lammeessoo daqiiqaa 88essoo irratit keessa buusan.
Kubbaa qaraa galte tapahtaa Arjentiinaa Baneengaan dhiite taphatan El Salvador Nestor Renderos ufi irraa dhowwaa irratti daqiiqaa 54esso irratti ufiitti galche.
Federico Mancuello ammoo daqiiqaa 88essoo irratti goolii tokko irra buuseefii taphi sunumaan hobba’e.
El Salvadooriin Arjentiinaa waliin taphatte tun biyya diqqoo nama miliyona torbatti dhiyaatu qabdu. Yoo Arjentiinaa waliin taphatanillee akka Arjentiinaan isii mootu hinuma beekan.
Taatullee namichii goolii eeguuf Derby Carrillo goolii Da Maria, Gonzalo,Lucasii fi namii heddun dhiitu akka rasaasaa xiixaa yaatu haga tokkotti qomatti haga kaan hlafatti qabatee goolii irraa dhowwate.
Arjetiinaan maaniif akka kilaboota addunyaa ta dhibii taphatoota Afrikaa kilabi isii keesaa hin qamne?Akkanum jedhee manaajera Arjentiinaa Gerardo Martino gaafannaan akkana jedhe
“Biyya hedduu waliin taphannaa, Awurooppaa, Afrikaa, Eezhiyaa fi hedduu waliin taphanna,balbaltii teenna namuufu banaa,”jedha.
Nama kuma 54 tapha kana daawwacuu dhufe keessaa hagii guddaan ka El Salvador. Namii biyya tanaa kuma hedduutti DC jiraata.
Arjentiinaan Amerikaa dhuftee taphacuuf $2,000,000 argatte,El Salvador ammoo $150,000 argatte jedhan.
Gama kaaniin ammoo dorgommii manneen barnootaa naannoo Baahir Daaritti taphachaa bahan Oromiyaatti moo’e.
Atileetotii Itoophiyaa dorgommi Chaayinaatti dorgoman akka jecha leenjsiaa Toleeraa Dinqaatti madaaliyaa warqii shan argatani moohan.
Your browser doesn’t support HTML5