Shawaa Lixaatti Dhimma Filannoon Walqabateen Yoo Xiqqaate Nam Tokko Ajjeesamuu tu Dubbatama

  • Namoo Daandii

Filannoo bara 2015

Hoogganoonni gamtaa paartiilee mormituu, ka Medrek akka jedhanitti, poolisoonni federaalaa taajjabdoota filannoo moggaatti dhiisanii, kaan buufta filannoo irraa hariyatanii korojoo filannoo fudhachuu yaaluu irraa wal-dhidee uumameen, aanaa Midaa-Qanyii keessatti namni Giddiisaa Camadaa jedhamu ajjeesame.

“Uummatni gumaa’ee akka korojoon filannoo seeraa ala hin hatamne, meetira dhibba shan irraa fagaatee eegaa ture.

Humni poolisii walii-galtee taajjabdootaa tii ala korojoo sana fudhatee deemuu ennaa yaalu, uummatni itti ka’e poolisoonni dhukaasuu jalqaban.

Haala kana keessatti Giddisaan dhawamee” jedhu, Itti-aanaa barreessaan Kongoiresa Federaalawa Oromoo – Obbo Dajanee Xaafaa. Namoonni ka bironis madaawanii akka hospitaalatti wal’aanamaa jiran dubbatu.

Bulchaan aanaa Midaa Qanyii, Obbo Magarsaa Gurmeessaa fi Itti-gaafatamaan waajira poolisii aanaa sanaa, Komaander Lalisaa Taakkelee garuu, Obbo Giddisaa camadaa madaawee gara Hospitaalaatti ergamuu malee du’uu isaa hin mikaneeffanne, jedhan.

Your browser doesn’t support HTML5

Filannoo bara 2015