Waldaan Barreessitoota Oromoo Miseensota Isaaf Carraa Banaa Jira

  • Namoo Daandii

Barreessitotni keessumaa dargaggoonni Afaan Oromootiin kitaabota barreessanii karaa itti maxxansiifatan dhaban hedduu dha, ka jedhan barreessaan Waldaa Barreessitoota Oromoo, Obbo Tafarii Nigusee, rakkoo kana furuuf waldaan isaanii namoota qabeenyaa qabanii fi rakkoo kana furuutti cichan barbaaduudhaan, kitaabota barreessitoota haaraa shan ka maxxansiisaa jiru ta’uu dubbata. Dorgommii hojii barreessitootaa uumuudhaan, eega beeksisanii booda kanneen dorgommichatti hirmaatan keessaa kanneen ulaagaalee lfa kaayaman guutan akka filatanii mana maxxansaa galchan dubbatu, Obbo Tafariin.

Asoosamoonni fi kitaabonni afaan Oromoo yeroo ammaa barreessamanii maxxansaman lakkoobsaan hedduu haa ta’an malee gama qaaccina yokaan qulqullina isaaniitiin rakkoon guddaan akka jiru, ka dubbatan, Obbo Tafariin,

“Baay’een isaanii kitaaba baay’ee barreessine, jechuu akka waan guddaatti ilaalanii itti fuuleffatanii jiran malee waa’ee qulqullina barreeffama isaaniif ilaalcha ga’aa hin kennine” jedhu. Sanas ta’ee, barreessitoonni tokko tokko tokko waan hegeree ogbarruu Oromoof abdii kennu akka barreessanii baasaa jiran dubbatu, Obbo Tafariin.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi deebii geggeedffame armaan gaditti caqasaa