Godaantoota Itiyoopiyaa fi Balaa Konkolaataa Isaan Mudate

  • VOA

Kutaa Puuntlaand ka Somaaliyaa keessa ka jiartu magaalaa Qaardhoo-tti dhiyootti konkolaataan fe'iisaa godaantota lammiiwwan Itiyoopiyaa fe'ee deemu tokko Dilbata darbe garagalee yoo xiqqaate namoota saaddeet ajjeesuunii fi ka biroo afurtama madeessuun gabaasamee jira.

kan umuriin waggaa 25 dargaggoon balaa sana irraa hafe Jamaal Ahmed Usmaan Raadiyoo sagalee Ameerikaaf ibsa kenneen konkolaataan fe'isaa sun haga baachuu danda'uu ol namoota 120 martinuu lammiiwwan Itiyoopiyaa kan ta'an fe'atee deemaa ture jedhe.

konkolaatichi dura gama tokkotti dayya'ee booda mataan gad garagale kan jedhe Jamaal kan konkolaatichi garagale magaalaa BOSAASOO irraa kiiloo meetira 170 irratti kan argamtu ganda WAA'IYYEE jedhamtu cinatti ta'uu dubbata.

karaa BOSAASOO gara YEMEN-tti imaluuf jecha waggaa waggaatti lammiiwwan Itiyoopiyaa kuma hedduu tu gara bosaasootti yaa'a.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuu armaan gaditti caqasaa