Hiriira Maaster Pilaaniif bahe falmuuf qonnaan bultoonnis itti dabalamaa jiru

Oromo Protest(FILE)

Barattonni Oromoo Maaster pilaanii Finfinneef ba’e mormuun torbanneen darban sadiif hiriiraa gaggeessuu isaanii Martaa Van Der Wolf Finfinnee irraa gabaastee jirti.

Yeroo kanattis humnootii nagaa eegsisanii fi hiriirtota gidduutti walitti bu’iinsa uumameen yoo xiqqaate lubbuu nama galaafatee jetti.Hiriira gaggeeffame keessaa naannoo Oromiyaa kanneen Finfinnee marsanii jiran keessatti hatattamaan faca’uu isaa fi qonnaan bultootaa fi lammiwwaan biyyattii ka biroon hiriia kanatti dabalamaa kan jiran ta’u gabaastee jirti.

Hiriirri kun hangi tokko biyya jeequuf kan karoorfame jechuun himatan.

Sodaa nageenyaaf jecha maqaan isaa ifa akka hin baane kan gaafate namnii tokko akka jedheetti jetti Maartaan humnootiin nageenya eegsisan Oromiyaa keessatti bobbaafamnii iddoo baayyeetti uummanni sochii kanatti akka hin dabalamnee ittisaa jiru.

Itiyoophiyaan biyyoota dinagdeen isaanii hatattamaan guddataa jiran keeessaa tokko yoo taatu garuu amma iyyuu uummata ishee 3 keessaa harkii 1 jireenya sadarkaa hiyyumaa gaditti jiraatu.

Uumatti ishee miliyoona hedduun waggaa kana keessaa caamaa mudataa jiruun rakkataa jiran.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa kana caqasaa