Barattoonni Oromoo Hiriira Nagaa Gaggeessan Moo Shoroorkaa Oofan?

  • Jaallannee Gammadaa

Dr.Tsegaayee Araarsaa

Master Pilaanii Finfinnee mormuun hiriirri mormii Oromiyaa keessatti gaggeeffamu gareelee shoroorkeessituu fi kanneen kufaatii siyaasaa isaan mudateetu harka keessaa qaba jechuun aangawoonni mootummaa dubbatanii jiran.

Kanaafis jecha tarkaanfii barbaachisu mara ni fudhanna jechuun beeksiisanii jiru. Duraan yunivarsitii Finfinnee keessatti barsiisaa seeraa kan turan dhiyeenya kana immoo yuivesitii Melberni irraa waa’ee seeraa fi qorannaa heeraan Doktoorummaa kan argatan Dr.Xaggaayee Araarsaa akka jedhantti hiriirri nagaa Oromiyaa keessatti gaggeeffame kun gocha shororkaa miti.

Heeraa fi seerri Itiyoophiyaa akkasumas kan addunyaa irra akka kaa'ametti hiriira gaggeessuun mirga. Balleessaan yoo jiraates seeraan ilaalamuu kan danda'uu dha jedhu. Maraafuu kan Oromiyaa keessatti ta'e mirguma malee shororkaa miti jedhu.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi deebii geggeeffame dhaggeeffadhaa