Baaraak Obaamaa: As Dhufuun Kiyya Harka Michoomaa Uummata Kuubaatti Diriirsuufi

Pireezdaantin Yuunaaytid Isteets Baaraak Obaamaa haasaha ummata Kuubaati oggaa godhu, Havaanaa, bitooteessa 22, 2016.

Obaamaan dawwaanaa seenaa qabeessa Biyya Kuubaatti tibbana godhe irratti seenaa walitti dhufeenya Kuubaa fi Yunaaytid Isteets rakkina qabaachuu dhugaa bahee, ergaa nagaha ummuuf dabarfatee irratti Waashingtanii fi Havaanaa edduu adda addummaan jirachuu, haalicha fooyyeessu dha qamnii lammanuu irratti hoo hojjate gara fuun duraatti deemu hin danda’ama jedheera.

Maaliif imala kana akka godhee yeroo ibsu Obaamaan, “ As dhufuun kiyya harcaatuu bara lola qabbanaawaa Biyyoota Ameerikaa keessaa awwaaluufi. As dhufuun kiyya harka michoomaa uummata Kuubaaf diriirsuufi,” jechuudhan ture.

Preesidaanti Kubaa Raawul Kaastiroo (Mirga), fi preesidaanti Yunaaytid Isteets Baaraak Obamaa (Bitaa), Masaaraa Mootummaa Kuubaa, Bitooteessa 21,2016

​Lammiwwan Kuubaa mirga mootummaa isaanii qeequu, akkasumaas mirga qaama isaan bulchuu filachuu eggamuufii qaba jedhee gahee demokraasiin guddina biyaaatii gumaachuus cimsee tareessera.

Ibsa dhuma irratti gazeexeessitoota kenammee iratti, Obaamaan walitti dhufeenyi Kuubaa fi Yunaaytid Isteets foyya’insa agarsiisa jirachuu tuqee, garaagarummaan biyyonni lamaan dhabbanni dimookraasii fi mirga dhala namaa irratti qaban garuu gara gara ta’u dubbate. Kanaafuu biyyis isaa kannarati dubbachuu fi dhiibbaa gochuu ittuma fufu hime.


Gama Kuubaa irraa Kaastroon, haala hin baramneen gazexeessitoota irraa gaafii fudhateen waayee hidhamtoota siyaasaa gaafatamee ture. Aaridhaan yeroo deebisu “ maqaa namoota sababa siyaasaatiin hidhaman jettan kana natti agarsiisaa, Kubaan hidhamtoota akkasii hin qabdu. Hoo akka jiran ragaadhaan fiddan mana harra hidhaa hin bulan, amma gadhiisna,” jedheera.

Obaamaan turtii isaa Kubaa kanan idoowaan seena qabeessa dawwate kessaa bakki siidaa goota Kuubaa, walabummaa biyyittiti falmee, Joosee Maarttti, tokko ture. Dawaanaa isaa kanaa irratti hatii manaa isaa Misheel Obaama, ijooleen isaa lamaan fi amaatiin Obaamaa wajjin imalaniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasni sagalee kunooti