Tumsa Uummataa Bilisummaa fi Dimookiraasii: Bilisummaa fi Dimookiraasiin Dhugaan Barootaaf Hawwame Argamuu Qaba

  • Namoo Daandii

Hoggantoota Tumsa Uummatotaa Bilisummaa fi Dimookiraasii

Tumsa Uummatotaa Bilisummaa fi Dimookiraasii, ka jedhamu gamtaan mormitootaa, guyyoota xiqqoo dura kora isaa 1ffaa magaalaa Asmaraa keessatti geggeeffachuudhaan qaama hoogganaa filachuu isaa fi haala Gaanfa Afrikaa – kessumaa – haala Itiyoophiyaa keessaa yeroo ammaa irratti bal’inaan mari’achuu isaa ibsa baasee jira.

Dhaabonni siyaasaa shanan Tumsa kana keessatti hammataman – Sochii Bilisummaa Uummata Beniishaangul, Sochii Bilisummaa Uummata Gaambeellaa, Adda Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaaden, Adda Bilisummaa Oromoo fi Adda Bilisummaa Biyyoolessaa Sidaamaa ti.

Kora tumsichaa amma geggeeffame irratti hoogganoonni marroo ammaaf filataman – Adda Bilisummaa Oromoo irraa Obbo Daawud Ibsaa dura-taa’aa tumsichaa, Adda Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaaden irraa – Admiiraal Mohaammed Osmaan, itti-aanaa dura-taa’aa tokkoffaa, Sochii Bilisummaa Uummata Gaambeellaa irraa – Obbo Okeelloo Okiidii, itti-aanaa dura-taa’aa lammaffaa, Sochii Bilisummaa Uummata Beniishaangul irraa – Obbo Abdul-waahid Mahaadii miseensa, Adda Bilisummaa Biyyoolessaa Sidaamaa irraa – Obbo Bittaanaa Anfetoo miseensa ta’auun filatamuun beekamee jira. Kana ilaalchisuun, Namoon – dura-taa’aa tumsichaa ta’uun ka filataman – Obbo Daawud Ibsaa, Asmaraa irraa telefoonaan haasofsiisee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi deebii guutuu dhaggeeffadhaa.