Bitooessi ji’a Seenaan dubartootaa itti yaadatamu. Imbaasiin Amerikaa han Finfinnees ji’a kana keessaa qophiiwaan dhimma kanaaan wal-qabataan adda addaa gochaa ture. Dhuma ji’a irrattimoo mata duree
“Seenaa Ishii” (Her story) jedhu jalatti fiilmii dhimma dubartootaa irratti hundahee dhaqiiqaa sadii tti seenaa dabarsuu danda’u dorgomsiisee warra tokkoo amma sadii bahan badhaseera.
Dorggommi filmii gabaabaa Kana Tokkofaa han bahe “Hojii hin qabdu” (siraa yelaatim) filmii jedhu. “Hojichaa odoo waljijjiree han hadholiin keenya hojjachaa oolaan mindaadhan hin tilmaamamu” jedha, filmiicha han hojjate, Hanibaal Aberaa. Dorgommi Kanaan lammaffa han bahe, Filmi Yaneet Biranuu han adda addumaa ijoolee dubartii fi dhira edduu jiru irratti xiyyeefatatu.
Ambaasaderiin Embaasii Ameerikaa han Itoophiyaatti Patricia Haslaak filmonni dorgommii kanaratti dhihaatan hundi ergaa cimaa qaban jetee, filmiin kun Finfinnee qofa odoo hin ta’in bakka baayyeetti akka agarsiifamu akka qabu ibsite.
Your browser doesn’t support HTML5