Furmaataa Waaraa Fiduuf Oromoon Hoogganummaa Dhugaatti Bahuu Qaba, Jedha Waldaan Qorannoo Oromoo

  • Namoo Daandii

Waldaan Qorannoo Oromoo kora isaa ka walakkeessa waggaa, boorii fi iftaan London keessatti geggeeffata.

Waldaan Qorannoo Oromoo – jechuun OSA-n, Kora isaa ka walakkeessa waggaa, boorii fi iftaan – jechuun, Ebla lamaa fi sadii, magaalaa London keessatti geggeeffata. Korri Yunivarsitii London, Mana-barnootaa Dinagee fi Saayinsii Siyaasaa Keessatti geggeessamu kun , kallattiidhaan, haala mormii fi tarkaanfii mootummaa yeroo ammaa Oromiyaa keessatti geggeessamutti ka xiyyeeffate ta’uu, prezidaantiin waldichaa, Obbo Henook Gabbisaa ibsee jira. Akka Obbo Henook jedhetti, waraqaalee qaorannoo gara digdamii shanii fi gurmuulee marii yokaan paaneloota lama tu kora OSA (WQO), ka walakkeessa waggaa kana irratti dhihaata.

Seenaan cunqursaa uummata Oromoo, seenaa waggoota digdamii shanii otuu hin taane, hacuuccaa fi dhiibbaa waggoota dheeraa ta’uu ka dubbate, Prezidaantiin OSA bara kanaa, Henook Gabbisaa, Oromoofis tahe uummatoota Itiyoophiyaa keessa jiran maraaf furmaata waaraa fiduuf uummatni Oromoo gara hoogganummaa dhugaatti ol ba’uu fi itti-gaafatama hooggana waaltaatti dhufuu qaba. Kanaaf immoo, kan waltajjii marii dhimma kanaa angafummaan qopheessu Oromoo ta’uu qaba. Hoogganummaan Oromoo Itiyoophiyaaf qofa otuu hin taane guutmmaa Gaanfa Afrikaa keessatti nagaa buusuuf baay’ee barbaachisaa fi murteessaa dha, jedha.

Your browser doesn’t support HTML5

Guutummaa gaaffii fi deebii kanaa dhaggeeffadhaa