Masrii Keessatti Iyyati Baqattummaa Fudhatama Dhabaa Jira: Baqattoota Oromoo

  • Tuujubee Horaa
    Jaallannee Gammadaa

Hiriira Baqattoonni waajjira UNHCR fuula duratti geggeessan, Kaayiroo, Masrii

Oromoon dahannaa siyaasaa gaafachuuf dhaaba baqattotaa kan Tokkummaa Mootummotaa ykn UNHCR tti iyyata galfatan hedduminaan yeroo isaa eegee deebii hin arganne akkasumas lakkofsi kanneen fudhatama dhabanii dabalaa jira jechuun Masrii keessaa ka jiru waajiira Jaarmayichaa duratti mormii dhageesisuu jalqabuun isaanii Bitooteessa 27 bara 2016 ta’uu dubbatu. Kana malees galmee iyyataa cufamee deebi’anii banuuf mirga qabaataa turre sarbamne jedhu.

Waajirri baqattotaa Kaayiroo keessa jiru gama isaan akka jedhutti kanneen dahannaa siyaasaaf iyyatanii fi baqatummaa argatan kuma 100 fi kuma 79 galmeessee akka of harkaa qabuu fi gaaffiin dahannaa siyaasaaf dhiyaatu hundumtuu akka danda’ameetti deebiin kan itti kennamu ta’uu beeksisee jira.

Erga bara 2014 kaasee yeroo deebii itti argatan gabaasuuf yaalaa akka tures ibsee jira. Waa’een simannaa argachuu seenaa nama dhunfaa irratti akkasumas seera sadarkaa addunyaatti UNHCR qabu irratti hirkachuun kan murteeffamu ta’uus hubachisee jira.

Galmeen baqataa kan cufamuu danda’u iyyataa baqataa biraa dhiyaatuun akkasumas UNHCR ofuuma isaa cufuuyoo murteesse ta’uu isaa fi sababaa qubsaan dhiyaannaan deebi’ee banamuu kan danda’u ta’uu ibsee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuu armaan gaditti caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Deebii Wajjiraa UNHCR Kaayiroo