Jibuutiin filannoo pirezdaantiitti jirtii pirezidaantummaan qaraa Ismaahel Oomar Guulee moo’uun mirkana fakkaatti

Filannoo Jibuutii bara 2011(Kuusaa suuraalee)

Jibuutiin biyya diqqoo Garba Diimaa jala qubattu.Ummatii isiilleen akka henna bara 2014 diqquma miliyoona saddeeti caala.

Jibuutii

Eegii bara 1977 keessaa Faransay jalaa bilisoomtee asitti, Jibuutiin Guulee waliin nama lamatti isii bulche.

Filannoo pirezidaantummaa amma itti jiranillee nama shanitti paartii mormituu keessaa walti hafe. Taatullee waan Guulee moohan hin fakkaatan.

Guuleen bara 1999 asittuu biyya diqoo addunyaan wal hanqatee jiraattu tana bulchuutti jira.

Pirezdaanti Guulee,bara 1999 asittuu Jibuutii bulchuutti jira

​Filannoo baranaa,2016 itti deebihee hin dorgomuu jedhullee kunoo itti deebihee ammallee bulchuuf deema.

Paartileen mormituu ka jiran ammoo filannoo tun seera filannoo hin guunne jechumatti jiran.

Jibuutiin biyya teessumma lafaa dansaa irra jirti jedhanii biyytii akka US,Faransaaii fi Jappaan faatii teessoo waraanaa itti jaarratan Chaaynaalleen itti jaarradhaa jettee Muddee dabarte keessa labsatte.