Dhaabbileen mirga namaatiif falman 15 Itoophiyaa keessatti nama hidhuu fi ijjeessuu akka dhaabatu Tokkummaa Mootummootaatti iyyatan

  • VOA

Mana Marii Mirga Namummaa

Amnesty International,Human Rights Watch, Freedom House,Pirojeektii mirga namummaa Itoophiyaa dabalee dhaabbileen 15n maqaan isaanii asitti barreeffame kun https://www.hrw.org/news/2016/09/08/joint-letter-un-human-rights-council-ethiopia biyya keessaa fi biyya alaa jiran kun rakkoo Itoophiyaa ta amma tana faluuf waan jaha gaafatan:

  • Akka Oromiyaa fi naannoo Amaaraa keessatti humna haga dabraatiin nama fixuun,hidhuu fi mi’a waraana haga dabraatiin nama hiriira bahetti dhufuun dhaabattu
  • Gaazexeessitota,itti gaafatamtoota paartilee mormituu fi namii maqaa siyaasaatii seera malee hidhame akka ariitiin bahu
  • Akka qaamii walabaa alaa dhfee rakkoo hiriira mormii Oromiyaa irratti dhalatte qoratu
  • Akka jarii seera male nama fixe murtiif dhiyaatuu fi waan hedduu gaafatan.

Mootummaan Itoophiyaa ammoo rakkoo biyya isaa dhaaba biyya alaallee itti hin barbaannu ufumaan qorannaa jedha.