Bulchiinsi Pirezidant Traamp 'UN Population Fund' Irraa Baajeta Doolaara Miliyoona 30 Olii Kute

  • VOA

Bulchiinsi Pirezidant Traamp 'UN Population Fund' Irraa Baajeta Doolaara Miliyoona 30 Olii Kute

Bulchiinsi prezidant Traamp, Jaarmayaan waa’ee heddummina uummtaa, ka Tokkummaa Mootummootaa ulfa-baasuu fi maseensuu dirqamaan raaw’atamu deggera – jechuudhaan, maallaqa kennuuf irraa kutuu isaa beeksisee jira.

Ministarri Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets, har’a, xalayaa Koree Hariiroo alaa, ka Mana-maree Murtii-seeraa Yunaayitid Isteetsitti xalayaa ergeen akka beeksisetti, baajeta bara 2017 silaa dhaabbaticha “UN Population Fund” jedhamuuf kennuuf ture, doolaara Miliyoona soddomii-lamaa fi walakkaa kan irraa dhaabu ta’uu beeksisee jira.

Dhaabbatichi Tokkummaa Mootummootaa, jaarmayaa biyya Chaayinaa, kan Koomishina Eegumsa Fayyaa fi Karoora Maatii Biyyoolessaa – jedhamu waliin ta’uudhaan, maatiin tokko akka ijoollee lama caalaa hin qabaanne dirqsiisuu irratti hojjeta jechuun qeeqa – Ministiriin Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets.

Maallaqa Jaarmayicha Tokkummaa Mootummootaa irraa dhaabe, gara Sagantaa Fayyaa Addunyaa mootummana Yunaayitid Isteets geggeessutti ka deebisu ta’uullee hubachiisee jira.