Harargeen lamaanilleen godina Oromiyaa bonii itti hammaatee namii heddun itti rakkate keessa tokko

Drought in Ethiopia(file photo)

Your browser doesn’t support HTML5

Bonii Harargee Bahaatii fi Dhiyaa keessattu horsiisee bulaa hedduu rakkise

Oromiyaati nama miliyoona 2 fi kuma 49 gargaarsa eegata.Tana irratti godinnii hedduun bokkaa silaa argachuu male hin arganne.

Godina Oromiyaa ka bonii itti hammaatee namii hedduun miidhame keessaa tokko Harargee lamaan; Haragaa Bahaatii fi Harargee Dhihaati.Keessattu horsiisee bulaan naannoo tanaa rakkoo gurdoo keessa jira.

Harargeen baddaa fi gammoojjii qabdi.Akka warrii godina Harargee Bahaa aanaa Cinaaksenii dubbifne jedhetti naannoon isaanii keessattuu gammoojjiin horsiisee bulaa bokka lama walfaana dhabde.

“Araddaan rakkoon tun itti hammaatte Kooraa Daawwee,Mudhii Daawwee, Irreesa Daawwee,Ardayiida, Makkanniisaa Oromoo fa.Naannoo tanatti rakkoon bishaanii hedduutti jira. Waggaa dabree jalqabee bokkaa gahaa hin arganne.”

Naannoon tun ganna dabrellee bokkaa gahaa hin arganne ammallee midhaan qaalahanii ,warrii horiilleen marraa fi bisaan barbaada walti godaanee marra diqqaa jirullee afaanti wal saame.

Midhaan silaa gara Harargee Bahaatti haga guddaan facaafatan qamadii fi boqoolloo fa.Keessattu Naannoon gammoojjii bokkaa silaa argachuu malan hin arganne.

Akka gabaasii UNHCR torbaan kana keessa baase jedhetti bonii Itoophiyaatti jabaate manneen barnootaa 600 caalaa cufsiise.

Torbaan itti yaana keessalleetti ijoollee miliyoona 5 tahan irraa barnootii ykn jidduutti cituu ykn ammoo irraa miidhamuu dandaha.

Godinoota Oromiyaatti dhiyoo tana keessa diqqaattullee bokkaa diqqaa tokkotti roobee caame taatullee waan marra baasee horii jireessee miti.

Naannoo horsiisee bulaa irraa akka jiraattotii jedhanitit horii kuma hedduutti dhumate.

Gama kaaniin ammoo akka Koomishineerii Koomishiina Yaaddoo Balaatii fi Qophaahinaa, Obboo Mokonnin Leenjisoo jedhutti mootummaa naannoo Oromiyaa,ka Federaalaa qarshi miliyona hedduu baasee ummataa gargaaree akka ijoolleen bonaaf jettee mana barumsaatii hin yaane faluutti jira.

Taatullee ijoollee haganaatti barnoota dhaabee fi horii haganaatti nama irraa dhuamtee jedhee hin maqeessine obboo Mokonnin.