Kooriyaan Kibbaa pirezidaantii isii ta durii Park Geun-hye bara 2013 filan horii ummataa dooalra biliyoona hedduu boollatti dhoofte jedhanii hujii irraa buusanii balleessaan himachuutti jiran.
Namii amma filatame kun Moon Jae-in nama paartii siyaasaallee keessa jiruu miti warra waliin dorgome 13 moohee pirezidaantii biyya sunii 19essoo tahee filatame.Durii Kooriyaa Kaabaatii baqate dhufe.
“Ani pirezidaantii nama cufaa tahaa,” jedhe warra isaa gammaduuf teessoo mootummaa biyya tanaa Sehoolitti walti dhufetti hime.
Filannoo tana akka biyyaatti abbaa moohate bori barraaqa labsan.Akka media biya sunii KBS,MBC fi SBY jedhanitti Mooniin kun harka 41 argate warra isa jalatti dorgomuutti jiru harka 20 caale.
Nama hedduutti filannoo tanaaf bahe.Akka koomishiinii filannoo biyyoolessaa jedhutti nama miliyona 42tti filannoo tanaaf bahe nama harka 80 bahee filatee jechuu.
Namii amma filame kun duraan abukaatoo tahee hujii seeraa hojjataa akka wal dhaba biyyitii isaa Kooriyaa Kaabaa waliin qabdullee mariin fixan fedha.Nama ganna 64ti.
Namii pirezidaantii amma moohachuutti jiru waliin dorgome Hong Joon-pyo haga amma quba qabnutti harka 23 argate.