Dr.Tewodiroos Adihaanom Daarektera Walii Galaa Dhaaba Fayyaa Addunyaa [WHO] tolchanii filan

  • VOA

Tedros Adhanom Ghebreyesus

Dr.Tewodiroos filanno maroo lammeessoo irratti Dr. David Nabarro lammii Britainii fi Dr.Saniya Nishtar lamii Paaksitaan moohee filatame.

Dr.Tewodiroos Minsitera Fayyaa Itoophiyaatii fi Ministera Haajaa Alaa tahee hojjachaa bahe.

Hujii tana irratti nama hedduutti dorgomee maqaa warra wal dorgomee Fulbaana 23,2016 himan.

Ammajii 2017,Boordiin Dhaaba Fayyaa Addunyaa WHO nama shanan huji tanaaf walti hafe himan.Eegee ammoo nama dubbisanii dubbisanii namii sadii walti hafe, sadeen kana Caamsaa bara 2017 keessa Kora Guddaa Fayyaa Addunyaatti dabarsan.

Korii kunilleen warra walti hafe walti laalee Dr.Tewodiroos filame.Daarekterii walii galaa kun,Dr.Tewodiroos Adoolessa 1,2017 hujii jalqaba.

Dr.Tewodiroos teessoo mootummaa Siwizerlaandi Jenevaa keessatti filan.

Afrikaa keessaa namii qaraa hujii tanaaf filatame Dr.Tewodiroos.