Obbo Baqqalaa Garbaa Bellama Arfaffaatu Har’a Kennameef

  • Jaallannee Gammadaa

Obbo Baqqalaa Garbaa

Obbo Baqqalaa Garbaaf mirgii wabiin gadhiifamuu akka kabajamuuf gochuuf abukaatoleen isaanii iyyata kan galfatan ta’uus manni murtii yeroo arfaffaaf har’as bellama ka biroo Kennee jira. Akka seera biyyattitti mirga wabiin gadhifamuu kan ilaaleen iyyati dhiyaatu sa’atii 48 keessatti murtii argachuu qaba.

Abbootiin seeraa wal dabree dhukkubsatan jedhamee yeroo sadii bellama erga dabarsanii booda inni isa dhukkuffate jedhame bakka bu’e dhaddacha irratti argamu murtii kennuu hin danda’uu? Akka seera jiruutti abbaan seeraa yoo dhukkuffate ykn guutummaatti dhimmi sana irraa yoo kaafaman kanneen haaraa bakka buufaman ykn isa dhukkubsate bakka bu’uun dhaddacha irratti yoo argame dhimmicha ilaaluun murtii kennuu danda’uu ka jedhu ta’uun ibsamee jira.

Dhukkubii dabaree abbootii seeraa kana dhaddacha kana irraa isaan hambiisu kun ragaa ogeessa fayyaa qabaa?Maraafuu isa dhumaa jedhamee Kamiisa Hgayya 10 bara 2017 bellamnii arfaffaan kennamee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Beellamma obboo Baqqalaa Garbaa fa Kamisatti dabarsan