Mariin Waa’ee Daldalaa Jalqabamee Jira

  • VOA

Yunaaytid Isteetes Meeksikoo fi Kaanaadaan har’a walii galtee daldalaa walabaa kan Amerikaa kaabaa haromsuuf jecha marii jalqabanii jiru.Dhimmi waliigaltee daldalaa kan bara 1994 tolfame prezidaantiin Amerikaa duula filmaataa yeroo gaggeessaa turanti dhimmi ijoo ture.

Walii galteen NAFTA jedhamee waamamuu kun seenaa keessatti waan faayidaa hin qabnee dha jedhu Traamp.Kanaaf jecha Amerikaan Meeksiskoo wajjiin kufaatii daldalaa guddaa keessa akka seentu godhee, gama kaaniin carraan hojii carraan hojii gara Meeksiskootti akka ce’u godhe jedhan.

Kaayyoon marii kanaa daldallii jiru hundumaaf akka wal gituu qabu hubachisuun akkasumas biyyonni sadeen waliigaltee dhabiinsa isaan gidduu jiru falmii gaggeessuun akka furatan gochuu dha.

Kanneen marii kana irratti argaman waggaan kun ituu hin xumuramiin dura yaada jijjirama dhiyeessuun waan tokko irra ga’uuf yeroo tokko caalaa walga’uu qabu.