Hobomboleetiin Amerikaa godina Tekasitti bisaan gadi dhiiftee nama kuma hedduu baqachiiftee mannene kum dhibba hedduu bisaanitti facaafte taan Harvey jedhan.
Bokkaan bubbee tana gula dhufeen fulaa tokko tokkotti bisaan lafa guutanii haga hojjaa nama tokkoo caalan.
Harooleen cabsitee manneen kuma dhibba hedduutti bisaan faca'an. Haga reefuu quba qabnutti nama 30 tahutti tanaan lubbuu dhabe.
Nama haga tokko manneen irra yaahanii barbaaduutti jiran.Bulchinsii motummaa Amerikaa horii ummataan gargaru ka ‘nu gahu’ qamna jedha.Namii insuraansii manaa qabu tana irraa faaydaa argata.
Akka bulchiinsii tohannaa qilleensa Amerikaa jedhutti ammaaf balaan bubbee fi hobombolettii ya dabartee taatullee amma du’aa fi jiraa gargar baasuutti jiran.
Bubbee fi qilleensii garbaa fi galaana irraa dhfue kun amma ya bubbisaa godina Liziyaanaa fi Mississippii gama Kaaba dhihaatti dabarte ta duraa goruutti jiran.
Bubbeen tun akka ogeeyyotii qilleensaa jedhanitti Louisiana tanatti bokkaa haga inchii 10-20 buufti.
Bubbeen tun itti aantee Arkansas,Tennessee, Mississippi fi Kentucky faatti dabarti.Haga ta Texas sun humna qabaachuu fi dhibaacuun ammoo mirkanaa miti.
Bubbeen tun Teksasuma keessaa magaalaa Crosby geetee bisaan warshaa kemikaalaa Arkemitti baafatanii gubatee tokka’e.
Achilleen haga km 24 irraa nama baqachiisuutti jiran. Biyyoota mudhii lafaa gama Kaabaatiin jirani hedduuf ammitii saati bokkaa fi bubbeen lafatti baafattu kaan.