Bulchootii biyya 193 kora Tokkummaa Mootummootaa (UNGA 72)f Amerikaa,New York jiran

UNGA

Korii kun barumaa baraan taa’ee rakkoo adudnyaa iratti mari’ataa kun 72so (UNGA 72). Mariin New York,Amerikaatti taa’uutti jiran tun Fulbaana 12 jalqabdee Fulbaana 25 dhumatti.Mariin jabdun ammoo Fulbaana 19 jalqabdi.

Pirezidaantiin Amerikaa Donaldi Tiraarmpi Tokkummaan Mootummootaa humna naga jabduu addunyaanuu abdattu tahuu malee jedha.

Akka jecha Tiraampitti Tokkummaan Mootummootaa miseensa biyya 193 qabu akkuma durii barate biirokiraasii keessa jiraachuu hin malle.

Akka addunyaalleen isa dhugeeffattu tolchuuf jalaa haga gubbaa ufi qulqulleessee hojjachuu male jedha.

Akkana tolchuuf ammoo biyyitii cuftii akka jecha pirezidaanti Tiraampitti qabeennaa fi humna waraanaalleen ufi dandahuu maltee ba’oo ufii ufumaa baadhachuuf qooda ufii qabaachuu malte jedha.

Tiraampi karoorii itti gaafatamaan guddaan Tokkummaa Mootummootaa, António Guterres Tokkummaa Mootummootaa jajjabeessuuf jalqabe waan abdi qabaati jedhe.

Guterres Tokkummaa Mootummootaa jijjiiruf karoora 10 baasee itti jira.

Pirezidaanti Tiraampi yoo hedduu Tokkummaan Mootummootaa Amerikaa irraa horii guddaa ballessuutti jira jedhee doolara miliyona 75 irraa kutuuf Ebla dabre keessaa dubbate.