Shamarran Chiibook Kan Naayjeriyaa

  • VOA

Shamarran “ Chibook girls” jedhaman kanneen gareen hidhattoota Islaamaa Boko Haraam Naayjeriyaa keessatti eega qabatee booda gadhiise mootummaa Naayjeriyaa jalatti baatilee hedduuf bayyanachaa fi boqochaa eega turanii booda yeroo ammaa jireenya haaraa jalqabaniin Amerikaan Univarsitii kan Naayjeriyaa keessatti barachuu jalqabanii jira.

Mootummaan Naayjeriyaa torban darbe waaltaa itti bayyanachaa turan kan Abujaa keessatti sirna gaggeessaa godheefii jira.Waldaan maatiwwan shamarran chibookiif dura ta’aa kan ta’an Yakubu Nkeki akka jedhanti barnootii waan jalqabameef dafanii dhaquu akka danda’aniif yeroon gaggeeffaman.

Barnoota Digrii jalqabaaf isaan qopheessu kana Amerikaan Yunivarsitii kan Naayjeriyaa keessa eega baratanii booda barnoota digrii duraa itti fufuu.Maallaqaa barnootaa kanaaf ba’u mootummaa Naayjeriyaatu baasa.