WAASHINGITAN, DIISII —
Mootummaan Amrikaa uummata balaa obomboleetti hamaa Mariyaa portorikoo fi Yuees virjin aylaand jedhaman keessatti midheef gargaarsa kennee jira jechuun falaman prezidaantii Donald Traamp fi miseensoonni bulchiinsa isaanii.
Balaan kun biyyoota lameen eega dhahee yeroo torban tokko guutuuf jedhu booda Traamp kaleessa oduu gabaastootaaf akka kennaniin biyyonni lameen obomboleetti Mariyaan akka hamaatti waan miidhamaniif namoota gaaga’aman dhaqqabuuf waan humnii keenya danda’ee mara gochaa jirra jedhan.
Bulchiinsii jiruu fi waraanni Amerikaa namoota balaa Kanaan miidhaman gargaaruuf yaalii guddaa godhan kan jedhan Traamp kanneen lafa Amerikaa irra jiran hammam hojii jabaa akka hojjachaa akka turree fi hojjachaa akka jirru ni beeku jedhan.