Paartiileen Mormituu Lama Finfinnee Keessatti Hiriira Mormii Geggeessuu Dhorkamne Jedhu

Faayilii - hiriira mormii Semaayaawii paartiin tanaan dura Finfinneetti geggeesse

Paartiileen mormituu, kan Itiyoophiyaa lama jechuun Tokkummaan Guutummaa Itiyoopiyaa fi Semaayaawii paartiin Fulbaana 28 bara 2010 hiriirri nagaa geggeessuuf turan beekkannaa dhorkamuu dubbatan.

Qaama bulchiinsa magaalaa Finfinnee beekkannaa nu dhorke jedhan irratti himannaa kan banan ta’uu illee beeksisanii jiran.Muummichi ministeeraa fi angawoonni mootummaa hangi tokko dhimma sana gidduu seenanii qajeelfama akka kennan xalayaa itti barreessuu isaaniis beeksisanii jiran. Barattoota Yunivarsitii Bahirdaar irratti tarkaanfii faallaa mirga namoomaa fudhatame, jedhan illee balaaleffatanii jiran.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Paartiileen Mormituu Lama Finfinnee Keessatti Hiriira Mormii Geggeessuu Dhorkamne Jedhu