Sudaan Kibbaa Daldalaaf Banaa Ta’u Ibsame 

  • VOA

Walgahii sadarkaa addunyaa kan waa’ee Enerjii irratti prezidaantiin sudaan kibbaa ituu hin hirmaatiin eega hafanii booda biyyattiin daldalaaf banaa ta’u mootummaan biyyatti torban darbe beeksisee jira.

Walgahii kana irratti biyyonni gurguddoon zayiita boba’aa alatti ergan hanga tokko kan hirmaachise yoo ta’u hayyonni akka jedhanti Sudaan kibbaa dhukuuta zayitaa Baarmeela Biliyoona 3.5 akkasumas qabeenya Gaazii uumamaa guddaa akka qabdu ibsan.

Gama kaaniin immoo Sudaan Kibbaa walitti bu’iinsa hamaa lubbuu namaa galaafatee fi waggaa 4 guutuuf jedhuun qabamtee jirti.

Uummanni Miliyoona 4 manaa fi qe’e ofii irraa kan godaanan yoo ta’u kanneen Miliyoona 2 ta’an gara biyyoota ollaatti dheessanii jiru.

Omiishii zayiita boba’aa sudaan kibbaa qabdu erga baatii Muddee bara 2013 as 3 keessaa harka 2 gad bu’un ibsamee jira.