Laayberiyaa Keessatti Sagaleen UmmataA Lakka’amaa Jira

  • VOA

Prezidaantii Laayberiyaa filuuf sagalee uummanni kenne lakka’amuu kan jalqabe yoo taphataan kubbaa milaa beekamaa durii Geoge Wihaa fi itti aanaa prezidaantiin Laayberiyaa duraanii Joseph Bokai wal duraa duuba dursaa kan jiran ta’uun beekamee jira.

Garu aangawoonni filmaataa akka jedhanti sagalee kennamee sadii keessaa harka tokko qofaatu haga kaleessaatti lakka’ame.Ummanni ba’e sagalee kan kenne Kibxata darbee yoo ta’u waggaa 70 caaluu keessatti biyyattiin yeroo duraaf nama karaa demokraatawaa ta’een filamee irraa aangoo fuutee karaa nagaandabarsuu kun ka duraati.

Paartiin Libartii jedhamu garu deemsa sagalee kennuu kana keessatti hojiin seeraan alaa waan hojjatameef jecha/ sagalee uummataa lakaa’uun haa dhaabtu jechaa jira.