Waraanni Ameerikaa Samii Irraan Maadhee Garee IS Haleele

  • VOA

Waraanni US garee IS kanneen Liibiyaa keessaa irrati haleellaa samii irraanii haaraa raawwachuu angawoonni VOAf ibsaniiru.

Dubbi himaan waaltaa ajajaa US kan Afriikaa Robyn Mack akka jedhanitti haleellaan sun Sadaasa 17 fi 19 Fuqaha cinatti kan geggeessame mootumaa Liibiyaa waliin ta’uun gabaasameera.

Angawaan waraanaa ka biroon leellistoonni IS hedduun ajjeefamuu illee mirkaneessaniiru.

Mack akka jedhanitti dahata akka hin tolfamne ittisuuf jecha caasaa shororkeessaa kana irra dhiibbaa gochuuf cicha qabnu itti fufna.