Israahel biyya Jidduu –Gala keessa qubattu. Teessoon mootummaa isii ta ammaa Tel Aviv. Bara hedduu asittuu Paalestaayiniin lafa irratti wal dhabuutti jiran.Waan irrattiwa dhaban keessaa tokko magaalaa Jerusaalem.
Jerusaalem amantii addunyaa gugurdoo sadiitti keessa jira. Kiristaana, Musliimaa fi Jew. Yersaalem nama kuma 860 dhiyaatutti keessa qubata.
Pirezidaantiin Amerikaa Donaldi Tiraampi waan bulchootii Amerikaa bara hedduu keessatti jedhanii hin beenne Jerusaalem teessoo mootummaa Israaheliiti jedhee mirkanseef.
"Jerusaalem lafa amantiin sadii gugurdoon keessa qubattee qofa mitii handhura teessoo demokiraasii addunyaafuu fakkeennat taateeti.Ganna kurnyan torbaan dabaran keessatti ummatii Israahel hagii guddaan biyya amantiin Islaamaa, kiristaanaa fi Jewish keessa jiraatan tana guddisaa jaaraa baate,” jedha.
Akka bulchiinsii mootummaa Amerikaa,White House jedhutti pirezidaanti Tiraampi dhugaa lafa jirtu mirkanse.Lafa tana amantii sadiitti irratti wal falman.
Kiristaana,Islaamaa fi Jewsihillee Jerusaalem lafa wayyuuti.Lafa gama amantiitiin ulfinna guddaa qabdu.
Masjida Al Aqasaa,manneen amantii kiristaanaa fi Jewish bebeekamootti keessa jira.Kiristaanfaaf lafa Yessoo Kiristoon dubbii karaa Waaqaa keessatti barsiisaa keessatti guddate.
Islaamalleef lafa Makkaa faatti aantee seera amanatii jabaa keessatti tolfatan.Jew faafillee lafatii gama ulfinna amanatiitiin Jerusaalem dura jirtu hin jirtu.
Bulchiinsii Donald Tiraapmi ammoo Jersuaalem handhuraa Israaheli jedha. Tiraampi Jerusaalem teessoo mootummaa Israahel jedhee dubbachuu qofaa mitii embaasii Amerikaa Tel Aviv jirullee Yerusaalemitti achitti godaansisuuf deema.
Tun ammoo ummata Arabaa fi biyya addunyaa hedduu dallansiise.Lafa falamaa qabdu irratti abbaa tokkoo muruun seera malee jedhan.Tun ammoo wal dhaba hamaan dhufuuf deemti.
Akka minsitsterii haajaa alaa Amerikaa Rex Tilerson jedhutti ammoo Jersuaalem ta teessoo mootummaa Israahel jedhanii buuftaniifillee tanaa jedhee falii araaraa Palestaayinii fi Israahel dhaabachuu hin malle.
Palestaayin ammoo murtii Tiraampi tanatti ummatii guyyaa sadii garaa hammaachaaa akka oolu gaafate.
Pirezidantiin Iraan Hassan Rouhani murtii Tiraampi tun muraa qajeeltuu mitii seera hin qamne nama dallansiiftuu fi balaa qabdu jedha.Musliimii murtii Islaamatti dhufte tana ufii diduuf kahuu male jedha.
Itti gaaftamaan amantii Roomaa Francis murtiin Tiraampi tun waan nama yaaddessaa jedha.Turkiin ammoo akka waldaan walgargaarsa Islaamaa tana irratti yaada tokko qabaatu gaafate.
Minsiterii haajaa alaa Biriths Boris Johnson, biyyitii isaa embaasii isii Tel Avi hin baafatattu jedhe.Pirezidaantiin Amerikaa Doonaldi Tiraampi tana irratti bulchoota Jiddu Gala Baha shanii bilbilee waan murtii isaa itti hime.
Warrii innii bilbileef muummee minsitera Israeli Netanyahu, bulchaa Palestinian Mahmoud Abbas, nugusa Jordan Abdullah, pirezidaantii Masrii Abdel Fattah el-Sissi fi nugusa Sawudii Salman Bin Abdulaziz Al Saud fa.
Bulchiinsii Tiraampi akka waan Tiraampi tana irratti dubbachuuf deemu namii qalbiin caqasu fedha.