Shakkamtoonni Fincila Sudaan Kibbaa Hedduminaan Gara Ripublikii Dimookitaatawa Koongoo Ya'aa Jiran

  • VOA

Ripublikii Dimookitaatawa Koongoo, shakkamtoota finciltoota Sudaan Kibbaa heddumminaan gara biyya isheetti yaa’aa jiran to’achuuf wal’aansootti jirti.

Waraanni biyyattii haga ammaatti yoo xiqqaate namoota sagal ka qabee hidhe tahus, maatiileen namoota hidhamanii fi hoogganootanni hawaasa baqattoota biyyattii keessaa garuu, namoonni hidhaman kanneen ehama baqattummaa qaban waan tahaniif hiilkamuu qabu – jedhan.

Hookkarri Sudaan Kibbaa fi biyyoota naannoo keessaa gara daangaa isaatti cehuu mala – yaaddoo jedhu waan qabuuf, nama loltummaatti shakkame kam iyyuu hidhuuf duula geggeessaa jira.

Namoota Sudaan Kibbaa hidhaman keessaa hagi tokko riphxee-loltoota tahu malan – jedhama.