WAASHINGITAN, DIISII —
Obbo Haayla Maariyaam Dassaaleny Kamiisa borii prezidaantii Masrii Abdulfattaah El Si sii wajjiin akka wal argan kan ibsamee yoo ta’u kaayyoon walgahii kanaa walgahii marsaa 5ffaa waggaa sadii dura komishinni biyyoota lameenii gaggeesse irratti walii galtee toora adda addaan tolfamanii turan xiinxaluuf akkasumas walii galtee haaraa mallatteessuuf akka ta’e ibsamee jira.
Waa’een ijaarasa hidha laga Abbayyaa sadarkaa sadaffaa irratti kan irratti dudubbatamu ta’uus fi itti fufiinsa walaghilee ammaan dura gaggeefamaa turanii akka ta’e fi waan haaraa godhamee ilaalamuu hin qabu jechuun dubbii himaan ministrii dantaa alaa Itiyoophiyaa Obbo Mallas Alam ibsanii jiru.
Gabaasa guutuu caqasaa
Your browser doesn’t support HTML5